Wiirtuun Muslimoota Oromoo biyya Misraa mana madrasaa bitachuuf sochii jalqabe.
- NuuralHudaa
- Apr 24, 2017
- 1 min read

Baqattoonni Oromoo biyya Misraa keessa jiraatan, mana madrasaa mataa isaanii bitachuuf sochii akka jalqaban ibsan. Yeroo ammaa kana lammiileen biyya keenyaa roorroo mootummaa dheefa biyyoota ollaatti baqataa jiru. lammiileen biyya keenyaa kan Misratti argaman waan heddummaachaa dhufaniif, Madrasaa ilmaan itti barsiifatan bitachuuf sochii eegalaniiru.
Sochii hanga ammatti godhameen maallaqa isaan barbaachisu keessaa 30% kan argatan yoo tahu, dhibbentaa 70℅ hafe ammoo, yeroo itti aanu keessatti sagantaalee adda addaatiin walitti qabuuf akka yaadan ibsanii jiru. Haaluma kanaan ji'a dhufu keessa sagantaa muhaadaraa qopheessun, sagantaa kana irratti Ulama'ootaa fi Mashaa’ikoota biyya adda addaa irraa affeeruuf qophii irra jiraatuu ibsaniiru.


Comments