top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Walgahiin ijaarsa Yuunivarsitii Islaamaatiif yaamame; majiliisa mootummaatiin akka hin geggeefamne d

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 23, 2017
  • 1 min read

Dhimma Yuunivarsitii Islaamaa biyyattii keessatti kan jalqabaa ta’e ijaaruuf karoorfame irratti; guyyaa hardhaa marii geggeessuuf walgahiin kan waamamee ture yoo tahu, majliisni hordoftoota warra Ahbaashiitiin hoogganamu poolisoota Federaalaa waliin tahuun; walgahiin kun akka hin geggeeffamne dhorkisiisuu isaanii maddeen gabaasaniru.

Yuunivarsitiin kun maqaa Aalima biyya keenyaa kan tahan Haaj Muhammad Awwal Rajaa tiin kan moggaafame yoo tahu; Barattoota muslimaa biyya keenya keessatti hawwii barnoota diinii fi duuniyaa osoo qaban; rakkoowwan isaan muudaatuun barnootaa irraa fagaataniif furmaata gaarii taha jedhamee; Yuunivarsitii ammayyaa kana ijaaruuf sochiin kan jalqabamee ture tahuus beekkameera.

Koreen hojii kanaaf filatamee ture gara hojiitti seenuudhaaf; guyyaa hardhaa marii geggeessuuf walgahii waamee ture, majliisni hordoftoota warra Ahbashiitiin hoogganamu waraana Poolisii Federaalaatiin; galmi walgahii akka marfamu eega godhee booda, hawaasni muslimaa walgahii kana irratti akka hin hirmaanne dhoorkisiisuu maddeen gabaasaniiru.

Dhaabbileen amantaa biroo Yuunivarsitii fi Kolleejjiiwwan mataa isaanii kan qaban yoo tahu, hawaasni muslimaa immoo hanga ammaatitti kolleejjii dhaabbataa tokkoyyuu kan hin qabne yoo tahu, Yuunivarsitii yeroo jalqabatiif hawaasni muslimaa ijaaratuuf ka’e kanas; majliisni akka galmaan hin baane mootummaa waliin tahuun dhoorkisiisuuf tattaafataa jiraatuun beekkameera.

 

Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa

https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page