top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sagantaan Da'awaa fi eebba Barattootaa magaalota adda addaa keessatti haala bareedaan geggeeffam

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 23, 2017
  • 1 min read

Magaalaa Ijaajii keessatti ;sagantaan eebba Haafizoota Qur'aanaa fi markaza Umar Ibnul Khaxxaab ijaruudhaaf galii waliitti qabuuf qophaa’e; geggeeffama jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa. Sagantaa kana irrattI Ustaaz Abubakar Ahmad, Ustaaz Abdul Mannaan, Ustaaz Kaamil Xaahaa, Dargaggoo Mubaarak Aadamii fi Ustaazonni birootis argamuun isaanii beekkameera. Ustaaz Abubakar Ahmad ijaarsa markaza kanaatiif Simintoo kuntala 50 gumaachun isaa beekameera. Haaluma walfakkaatuun ;naannoo Kibbaa godina Walaayitaa Magaalaa Boddittii keessattis ;sagantaan Da'awaa fi masjiida ijaaruuf galiin itti walitti qabamu geggeeffamaa akka jiru odeeffannoon argame ni addeessa. Sagantaa kanarrattis Ustaazoonni hedduun kan qooda fudhatan yoo tahu, Ustaaz Bahruu Umar, Ustaaz Muhammad Faraj aaferamanii jiru.Hawaasni muslimaa naannoo adda addaa irraa dhufuun; sagantaa kana irratti kan hirmaate tahuus gabaafamera.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page