Warshaan Harree qalu cufame.
- NuuralHudaa
- Apr 19, 2017
- 1 min read

Warshaan harree qalu kan magaala Bishooftutti hojii jalqabee ture, ajaja bulchiinsa magaalaa Bishooftuutiin cufamuun isaa beekkame. Itti gafatamaan warshichaa ‘Shandoongi Dongi’, mootummaa irraa hayyama argatee gara hojiitti seenuu isaa ibse,
“sabtii darbe xalayaa nutti katabanii akka warshichi cufamu nu beeksisanii turan. har’a immoo poolisii erganii uleedhaan hojjattoota reebanii nu cufsiisuun sirri miti,” jechuudhan akka komate VOA’n gabaasee jira.
Erga warshaan kun ijaaramuun isaa ifa bayeetii; ummatni naannoo Oromiyaa warshaa harree biyyattii keessatti dhaabuun safuu ummataa cabsuudha; jechuun mormaa tureera. achuma magaalaa Bishooftuutti, mormii dargaggoonni kaasan irratti dargaggoonni 2 ajjeefamuunis ni yaadatan.
Haalumaa walfakkatuun warshaan harree qalu magaalaa Asallaa keessattis ijaaramaa kan jiru tahuun beekameera.
Yorumlar