top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Itiyoophiyaa fincila biyyaatti keessa tureen walqabatee ajjeechaan raawwatame qaama walab

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 19, 2017
  • 1 min read

Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii(UN) fi Gamtaan Awurooppaa (EU), Sababaa fincila ummataa ajjeechaa waraanni mootummaa ummata irratti raawwate qaamni walabaa akka qoratu gaafatanii turan, mootummaan Itiyoophiyaatis gaaffii kana irra deddeebi’ee fudhatama hinqabu jechaa kan ture yoo ta’u; hardhas ifaatti ejjannoo isaa ibsuun gabaafame.

Muummichi ministeeraa Obbo Haaylamariyaam Dassaaleny gaaffii fi deebii BBC waliin godhe irratti, "dhimma kana ilaalchisee, heera biyyaatin kan hundeeffame Komishinii mirga namuummaa Itiyoophiyaatiin alatti qaamni alaa kamiyyuu akka qoratu hin hayyamnu" jedhe. Obboo Haaylamaariyam itti dabaluun; labsiin yeroo muddamaa waggaa darbe keessa labsaame, biyyaatti kan tasgabeessee fi miseensonni mana maree akka dheerefamu irratti walii galuudhaan ammas ji'a afuriif dheerefamee jira, akkasumas mootummaanis rakkoo hojii dhabbeeyyii keessumattuu dargaggootaa irratti xiyyeeffatuun hojjataa jira jechuun dubbate.


Комментарии


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page