top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Eega labsiin dhiifamaa labsamee as, lammiileen biyya teenyaa namoonni 200 qofati gara biyyaa deebi’u

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 18, 2017
  • 1 min read

Mootummaan Sa’ud Arabiyaa, Namoonni hayyama jireenyaa malee biyya isaa keessa jiraatan rakkoo tokko malee akka bahaniif jecha, labsii dhiifamaa guyyoota 23 dura baasuun isaa ni yaadatama. Dabalataanis namoota yeroo kana keessatti biyyattii keessaa karaa nagayaatiin hin bane irratti, hidhaafi tarkaanfii biroo kan fudhatamu tahuus ibsee jira. labsii kana hordofuun lammiileen biyya teenyaa kan hanga 4,000 tahan, gara biyyaa galuuf guca itti galmaayan fudhatanii turan, namoota kuma afran kana keessaa kan haga ammaatti gara biyyaa gale nama 200 qofa akka tahe, ministeerri haajaa Alaa itiyoophiyaa beeksisee jira.

Yeroo labsii dhiifamaa kana kessatti, Namoonni hayyama jireenyaa malee Sa’uud Arabiyaa keessa jiraatanii qabeenya horan, Qabeenya isaanii fudhatanii karaa seeraatiin akka bahan hayyamni kennamee jira. Yeroo birootis karaa seera qabeessaan gama Sa’ud Arabiyaa deebi’uu mirga qabu.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page