top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dr Zaakir Naayik badhaasa guddicha Peerkaasaa jedhamu argate

  • NuuralHudaa
  • Apr 18, 2017
  • 1 min read

Daa’iin beekamaa fi jaalatamaan Dr Zaakir Naayik biyya Maaleeyshiyaa keessatti badhaasa guddicha "Perkasa National Gallantry Awards” jedhamu badhaafamuun isaa gabaafamee jira. Badhaasni kun namoota qabsoo jajjabaa godhaniif kennama. Haala kanaan Dr Zaakir Naayikis qabsoo islaamummaaf godheen badhaasni kun kan kennameef ta’uu, hoogganaa Perkaasaa kan ta’e Dr Ibraahim Alii sirna badhaasaa kanarratti beeksiee jira.

“Badhaasni kun tarii mallaqaa miti ta’a. Garuu hiikka guddaa qaba. Kanaaf nutis dalagaa inni islaamummaaf jecha dadhabe hifadhe osoo hin jedhin hojjateef badhaasa kana isaaf kennuu barbaanne” jedhe hogganaan Perkaasaa Dr Ibraahim Alii.

Badhaasa guddaa akkanaa kana yeroo fudhatu Doktor Zaakiriif kun kan jalqabaatii miti. Amma duras biyyuma Maaleeyshiyaatti badhaasa “Tokoh Maal Hijraah” jedhamu bara 2013tti argatee ture. Dr Zaakir Naayik badhaasa lameenuu argachuudhaan nama duraa ta’ee jira. Badhaasni kunniin lameen haga ammaatti Dr Zaakiriif malee, nama lammii Maaleeyshiyaa hin taanee kan biraatiif kennamee hin beeku.

Sirna badhaasa kanarratti Dr Zaakir Naayik waa’ee ilaalchota dogoggoraa islaamummaan wal qabataniirraa namoota achitti argamaniif haasawa godhee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page