top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Lammiiwwan Falasxiin kan mana hidhaa Israa'eliitti hidhaman mormii nyaata lagachuu irra jiraatuu

  • NuuralHudaa
  • Apr 17, 2017
  • 1 min read

Lammiiwwan Falasxiin kan mana hidhaa Israa'eliitti hidhaman mormii nyaata lagachuu irra jiraatuun isaanii gabaafame.

Falasxiinoonni 1,000 oli kan mana hidhaa Israa'el keessatti argaman, dararaa isaan irratti raawwatama jiru mormuun; duula nyaata lagachuu geggeessaa jiraachuu isaanii odeeffannoon argame ni addeessa. Duulli kun hoogganaa paartii Siyaasaa kan ta’e Marwan Barghuutii, kan adabbiin hidhaa umrii guutuu itti murteeffamuun mana hidhaa Israa'el keessatti daraaraama jiruun, akka durfamaa jiru odeeffannoon argame ni mul’isa.

Lammiileen Falasxiin magaalaa Naabluusiitis hidhamtoota deeggaruudhaan mormii geggeessaa kan jiran yoo tahu, dargaggoota Falasxiinii fi waraana Isra'eel kan naannawa Masjidal Aqsaa jiran jiddutti walitti bu’iinsi kan ka'e tahuus gabaafamera. Mormiin nyaata lagachuu kun guyyaa “Hidhamtoota Falasxiin” jechuun kan beekkamuu fi wagga waggaan maatiiwwani fi Jaalleewan hidhaan daraaramaa turan itti yaadatuf kan kabajamuun; kan walqabatu tahuun isaallee beekameera.

Lammiileen Falasxiin kan mana hidhaa keessatti dararamaa jiran kunniin ; hedduun isaanii namoota Siyaasaa tahu odeeffannoon kuni dabalataan ni addeessa. Gareen hidhamtoota Falasxiin, “namoonni 7,000 oli dhuma waggaa darbee keessa mana hidhaa Israa'el keessatti daraaraama jiru" jechuu isaanillee gabaasni BBC kuni addeessee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page