top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Abbootiin Qabeenyaa warshaalee Simintoo, iddoowwan albuudaa mootummaaf kan hin deebisin ta’uun gabaa

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 17, 2017
  • 1 min read

OPDO'n fincila diddaa gabrummaa ummanni Oromoo kaase tasgabeessuf jecha tooftaalee adda addaa fayyadamuun ummata sobuuf yaalaa jirti. Tooftaalee kanniin keessaa kan duraa; “dargaggoota hojii dhabeeyyii naannicha keessatti argamaniif hojii uumuu” kan jedhu yoo tahu, dargaggoota kanaaf hojii uumuuf immoo abbootiin qabeenyaa iddoowwan albuudaa to’annaa isaanii jala jiru akka mootummaaf deebisan jechuun, mootummaan naannoo Oromiyaa ajaja dabarsuun isaa ni yadatama.

Abbootiin qabeenyaa Warshaalee Simintoo 3, OPDO wajjiin marii dheeraa egaa godhanii booda ; gatii iddoowwan kanaa mootummaa naannoo Oromiyaatiif maallaqa isinii kafalla jechuun, akka hin deebbisne walii galuu isaanii gabaasni gaazexaa Ripoortar irra argame ni addeessa.

Warshaaleen Simintoo sadiin kun Warshaa Simintoo Mugar, Warshaa Simintoo Darbaa fi Warshaa Simintoo Daangootee tahuu isaanitis gabaasni kun ibsee jira. Qeeqxonni siyaasaa ammoo, “Mootummaan duraanuu ummata sobee, fincila biyyattii keessatti ka’e turee fi dallansuu ummataa tasgabeessuuf qofa tooftaa kana fayyadame” jechuun qeeqaa jiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page