Ummanni Turkiyaa guyyaa har’aa Sagalee heera mootummaa jijjiiru irratti rifarandamii geggeessaa jira
- NuuralHudaa
- Apr 16, 2017
- 1 min read

Lammiileen Turkii Rifarandamii sirna bulchiinsa biyyattii gara “Presedetial” tti jijjiiruuf karoorfame irratti; guyyaa har’aa EBLA 16/2017 sagalee filannoo kenuu jalqabaniiru.
Biyyi Turkii yeroo ammaa sirna parlamentariitiin kan bulaa jirtu yoon tahu, Referandamiin kun hayyama ummataa yoo argate Taytaan Pirezidaantii biyyattii daran dabala jedhameera.
Yaada wixinee Rifrandamii kana gara paarlamaa biyyattititti kan dhiyeesse; Prezidantii Turkii Rajab Xayyib Erdogan yoo tahu, inni Misneensa Paartii AK jedhamuun beekamuuti.
Manguddoon waggaa 67 Aadde Masiide Doogan, filannoo geessanii yeroo bahan yaada isaanii Aljaziiraaf kennaniin akki jedhan “sagalee kootiin hayyama kennee jira. ykn “yes” jedhee jira; biyyi teenya Diina ummata islaamaa ofirraa qolachuudhaan har’a sadarkaa ol’aana irra geette jirti, osoo Erdogaan aangoo hin qabatin dura, ijoolleen shamaraa hijaaba uffatanii Yuunivarsiitii seenuu nidhoorgaman; tajaajilli fayyaafi geejjiba hamayyaatis biyyattii keessa akka hinturin niyaadanna “ jechuudhaan yaada isaanii xumuraniiru.
Qabxiin rifarandamii kanaa inni jalqabaa akkuma sagalee kennuun xumurameen kan ibsamu yoo tahu, in shaa ALLAH nutis hordofnee isinii gabaasna.




Comentarios