top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

UN“Beelli bara kana mudate lubbuu namoota hedduu galaafatuu hin oolu” jedhe.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 13, 2017
  • 1 min read

"Beelli bara kanaa kan bara 2011 gaanfa Afrikaa mudatee lubbuu namoota 260,000 ol balleesseen walfakkaata. Sababaa beela kanaatiin lammiileen Naayjeeriyaa, Suudaan kibbaa, Somaaliyaafii yaman hedduun lubbuu dhabuu danda’u’ jechuun, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii (UN) fii dhaabbileen gargaarsaa Akeekkachiisaniiru.

Ajansiin Baqattoota Adduunyaa(UNHCR) akka gabaasetti, Sababaa beelaafi waraaniitiin, Namoonni heddu qe’ee isaanii irraa baqatuuf dirqamaniiru.

“Itiyoophiyaa naannoo Somaalee iddoo Doloo Adoo jedhamutti, Daa’immaan dhibbentaa 80 tahan dhukkuba hanqina nyaataatiin dhufuuf saaxilamaniiru. Sababaa kanaaf manneen barnootaa 600 tahan cufamaniiru. Keeniyaa keeysattis, barattoonni 175,000 tan barnoota dhaabanii jiru. walumaa galatti sababaa beela kanaatiif, ijoolleen miiliyoona 5 tahan barnoota dhaabuu dandahu” jedhe. Dubbii Himaan UNHCR Adrian Edward.


コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page