Search
Manni Murtii Haangarii seera muslimoota ugguruuf bahe kuffise.
- NuuralHudaa
- Apr 13, 2017
- 1 min read

Dhiheenya kana Bulchaan Magaalaa Aashootalom (Assotthaloom) “Mallattoolee Islaamummaa Ibsaniifi Muslimoota Magaalaa tiyya keessatti arguu hin barbaadu” jechuun seera baasee ture. Seera kana jalatti; masjiida ijaaruu, azaana godhuu fi uffannaan Islaamummaa agarsiisu kan ugguramee ture tahuun gabaafamera.
Hata'uu malee manni murtii guddaan Haangarii Buudaapest seerri kun kan mirga namoomaa fi amantaa cabsu jechuun harkatti dideera.
Bulchaan Magaalaa Aashootalom, Laasluu Toroskayii, waggaa dabre keessa baqattoonni Suuriyaa akka Haangaarii hin seenne jedhee kan mormaa ture tahuunis ni yaadatama.
Commenti