top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Baqattoonni Afrikaa 97  galaana Meediteraaniyaanitin nyaatamuun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 14, 2017
  • 1 min read

Baqatoonni Afrikaa 97 tahan kan daraaraa fi cunqursaa akkasumas jireenya foyyaa'aa barbaaduf jecha biyya isaanii lakkisaanii, galaana irraan gara Awurooppaa imalaa turan, galaana Meediteraniyaaniitiin nyaatamuun isaanii gabaafame.

Dooniin tun baqattoota 120 feetee qarqara Libiyaa irraa kan kaate yoo tahu, Namoonni 97 dhumanii namoonni 23 qofti balaa kana irraa kan hafan tahuu gareewwan ittisa balaa gabaasaniru.

Hogganaan garee ittisa balaa Ayuub Qasiim akka jedhetti,

" Namoonni 23 lubbuun hafaniiru, gareewwan ittisa balaa barbaacha isaani itti fufaaniiru; hata'uu malee carraan reeffa namoota kaawwanii argachuu hedduu dhiphaadha" jedhe.

Namoota dhuman keessaa dubartoonni 15 fi daa'imman 5 yoo tahan, hedduun isaanii lammiilee Afrikaa biyyoota Sahaaraa gadii akka tahan odeeffannoon kun ni addeessa.

Bara kana keessa qofa, baqatoonni 25,000 galaana Meediteraniyaanii irraan qaxxaamuruun gara Awurooppaa kan seenaan yoo tahu; Baqatoonni 590 tahan ammoo galaana Meediteraniyaaniitiin nyaatamuu Isaanii gabaasni IOM irraa argame ni addeessa.


Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page