Komishiniin mirga Namooma Itiyoophiyaa balaa ibidda mana hidhaa Qiliiinxoo ilaalchisee gabaasa dhihe
- NuuralHudaa
- Apr 5, 2017
- 1 min read

Komishinii mirga Namoomaa mootummaa Itiyoophiyaa guyyaa hardha balaa ibidda mana hidhaa Qiliinxootti Hagayya 28, 2008 ka'e ilaalchisee gabaasa isaa Koree dhimmoota Haqaa fi Bulchiinsa mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiyeessu midiyaa mootummaa kan tahe Fana Broodkast gabaaseera.
Akka FBC'n gabaaseetti, gabaasni Komishiniichi dhiheesse irratti Ibiddi kun kan itti yadame qabsiifame fi namoonni balaan kun akka ka’u godhan immoo namoota yakka cimaan himatamanii adeemsa murtii isaanii eeggata jiraaniidha jedha.
Yeroo balaan kun itti ka'etti hidhamtoota balaa ibidda kana jala lubbuu isaanii bararuuf figaa turan irratti waraanni mootummaa dhukkasa banun namoonni hedduun ajjeefamuu fi reeffi isaaniituu mattii isaaniitti kan hin kennamin ta’uu ni yadatama.
Hata'uu malee komishiniichi gabaasa isaa kana irratti
" Namoota 23 kan lubbuun isaanii darbe jidduu isaan 21 aaraan ukkaamfanii kan du'anii fi lama ammoo miliquuf yaalanii rasaasa itti dhukkafameen du'aani jechuun kan dhiheesse tahu gabaasni FBC irra argame ni addeessa.
Dhummarrattis Komishiniichi namoonni balaa kanaan shakamanii himannaan itti dhiyaate irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatamuu qabu gaafatte.
Mootummaan Itiyoophiyaa kanaan duraas sabaaba fincila filannoo bara 1997 biyyaatti keessatti kahen walqabatee manneen hidhaa keessatti ofii isaatiin jeequmsa kaasuun, namoota rakkoo Siyaasaan hidhaman irratti tarkaanfii ajjeechaa kan fudhatee ture yoo tahu, bara kanaas fincila guttuu biyyaatti irraa itti kaheen namoota Siyaasaa irratti tarkaanfii fudhatuuf kan rawwattee jechuun paartiiwwaan siyaasa fi dhaabbileen mirga namoomma qeeqa jiru.
Namoota balaa kanaan walqabatee Shakkamanii himannaan itti baname jidduu muslimoonni sabaaba qabsoo hawaasa muslimaa hidhamanii fi miseensonni paartii mormitoota jiraatu gabaafamera.
Comments