top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Biyya Hindiitti nama muslimaa tokko loon qaluuf gara magaalaa biraatti fe'aa jirta jechuun ajjee

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Apr 5, 2017
  • 1 min read

Biyya Hindiitti namni muslimaa tokko loon gabayaa irraa bituun gara magaalaa biraatti fe'uun osoo imalaa jiru, hordoftoota amantaa Hinduutiin adabamee ajjeefamuu poolisni ibseera.

Akka Poolisni kun jedhutti

"Kutaa Rajastaan jedhamutti guyyaa sadi dura namticha muslimaa ajjeefame dabalatee namoota 14 irratti gochi garaa jabeenyaa kan irratti raawwatame tahuu" dubbate.

Ummanni Hindii 80% ta’u loon akka uumaatti waan gabbaraniif, foon loonii nyaachuu fi akka geejjibaatti itti tajaajilamuunis dhoorkaadha.

Namtichi muslimaa kun loon kanniin horsiisuuf gabayaa irraa bitee gara magaalaa biraatti fe'atee osoo imalaa jiru, iddoo Haryaana jedhamutti hordoftoonni amantaa Hinduu kunniin konkolaataa dhaabsisuun eega akka konkolaataa irraa bu’u gaafatanii booda kan tuman tahuu miseensi poolisa magaalaa Behroor kan ijaan arge dubbatee jira.

Gocha garaa jabeenyaa raawwatameen namoonni muslima tahan 6 kan gar malee miidhaman tahuu fi namoonni yakka kana raawwatan kan too’annaa jala hin oolin tahuu gabaafameera.

Waggoota lamaan darban keessa sababuma walfakkaatuun muslimoonni 10 ol hordoftoota amantaa Hinduutiin kan ajjeefaman tahuu gabaasni AlJaziiraa irraa argame ni addeessa.

Ji'a darbe keessa bulchiinsi kutaa Guujiraat namni loon qalee fi tajaajila geejjibaatiif itti fayyadamu yoo argame hidhaa waggaa torba hanga adabbii du'aatiin kan adabamu ta’uu labsuu odeeffannoon ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page