Search
Aalimni guddaan Biyya keenya Sheekh Muhammad Hamiddiin gara biyyaatti deebi'an.
- NuuralHudaa
- Apr 3, 2017
- 1 min read

Sheekh Muhammad Hamiddiin biyyoota adda addaa irra deemuun hawaasa muslimaa biyya alaa jiraataaniif Da'awaa kan godhaa turan yoo tahu, waggaa dheeraa booda maatii isaanii fi hawaasa waggaa hedduuf addaan bahanitti kan makaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Turtii isaanii kan biyya alaatiin Yuunivarsitii Afrikaa kibbaa irraa qabxii olaanaan eebbifamuun isaanii ni yaadatama.
Guyyaa hardha magaalaa Finfinnee seenuun maatii isaanitti makamuu beekameera.
Comments