top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ustaaz Abdulfattaah Musxafaa fi Muslimoonni 7 himatamanii mana murtii dhiyaatuu gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 31, 2017
  • 1 min read


Abbaa Yatiimotaa jedhamuun kan beekamu Ustaaz Abdulfattaah Musxafaa fi Muslimoonni 7 kan magaalaa Finfinnee masjiida Bayuush kan naannawa Markaatootti argamu fi Masjiida Fatih Abbaa Booraa tajaajilan irratti Abbaan alangaa himannaa itti banuun mana murtii dhiyaatuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Abbaan Alangaa muslimoota kanniin galmee tokko jalatti yakka 3'n kan himate yoo tahu, himannaa isaan irratti dhiyaate jidduu:


Waggaa 1fi ji'a 8 dura iddoo Adaree Sefer jedhamuun beekamutti, mootummaa humnaan kuffisna, mootummaa Islaamaa hundeessina, koreen haa hiikaman jechuun ummata kakaasan kan jedhu yoo tahu, Ustaaz Abdulfattaah Musxafaa immoo masjiida keessatti baruumsa kennuuf Imaama hayyama hin gaafatinaa jedhe jechuun kan himatame tahuu beekameera.


Muslimoonni kunniin Bitootessa 8/2007 mana murtii kan dhiyaatanii turan yoo tahu, Abukaatoowwan himatamtootaa himannaa abbaan alangaa dhiyeesse mormaniiru.


Manni murtii Bitootessa 19/2009 falmii Abukaatoo himatamtoota fi abbaa alangaa eega dhaggeeffatee booda guyyaa hardhaatti beellamee ture.


Dhaddacha guyyaa hardhaa oole irratti manni murtii himatamaa 4ffaa kan tahe Seeyfaddiin Kheeyreddiin bilisaan kan lakkise yoo tahu, Ustaaz Abdulfattaah Musxafaa immoo galmee kana jalatti osoo hin taane kophatti akka himatamu jechuun murteesse.


Akkasumas abbaan alangaa himatamtoota hafan irratti ragaa isaa Ebla 19/2009 akka dhiyeeffatu ajajuu maddeen gabaasaniiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page