Labsiin yeroo Muddamaa ji'a Afuriifi kan itti fufu tahuu gabaafame.
- NuuralHudaa
- Mar 30, 2017
- 1 min read

Mootummaan Itiyoophiyaa Fincila guutuu biyyattii irra ummanni waggaa darbe keessa itti kaasee ture sababa tasgabeessuu dadhabeef labsii yeroo muddamaa ji'a 6f turu labsuun ni yaadatama.
Ji'a 6'n labsiin itti darbe kanatti naannoo adda addaa irra namoonni kumaatamaan lakka'aaman hidhamanii hedduun immoo waraana mootummaan ajjeefamaniiru.
Walitti qabaa Komaand Poostii labsii yeroo muddamaa fi Ministeera Raayyaa Ittisaa kan tahe Obboo Siraaj Fargeessaa guyyaa hardhaa sababa labsichi dheereffamuu qabuuf jedhee mana marii ummataafi dhiheessee jira.
Qabxiiwwan akka labsichi dheereffamuuf dhiyaatan jidduu:-
1. Rakkoolee daangaa naannolee adda addaatti ka’aniin walqabatee namoonni too’annaa jala ooluu qaban waan jiraniif
2. Haalli nagaa fi Tasgabbii yeroo ammaa biyyattii keessa jiru akka duubatti hin deebine godhuuf kan jedhu ta’uu odeeffannoon ni addeessa.
Manni marii mootummaa ADWUI tis sababa Obbo Siraaj labsichi akka turuuf gaafate irratti marii eega godhee booda Labsichi ji'a 4f akka dheereffamu sagalee guutuun murteessuu gabaasni miidiyaalee mootummaa irraa argame ni addeessa.
Ji'a 6'n dabranitti dhaabbileen mirga namuummaaf dhabbatanii fi ummannis gocha seeraan alaa waraanni mootummaa ummata irratti raawwachaa jiru mormaa turuun ni yaadatama, haata'uu malee mootummaan mormii ummataa kana diduun ammas labsii kana ji'a Afuriif dheeressuun gabaafameera.
Comments