top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Ahbaashonni magaalaa Kombolchaatti kitaabonni Tawuhidaa akka hin gurguramne dhoorkan

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 30, 2017
  • 1 min read

Manneen Kitaabonni Islaamaa adda addaa itti gurguraman kan naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaa magaalaa Kombolchaatti argaman, kitaaba Tawuhidaa akka hin gurgurre dhoorkamu odeeffannoon argame ni addeessa.

Hooggantoonni majliisa amantaa Ahbaash sochii Da'awaa magaalaa Kombolchaatti hawaasni muslimaa godhu fi masjiidota magaalattii keessatti argaman mara qaamota mootummaa waliin tahuun hawaasa muslimaa irra eega too’annaa isaanii jala galfatan booda Manneen Kitaabonni Islaamaa itti gurguraman kitaabota tokko tokko keessa Filuun akka hin gurgurre kan dhoorkan tahuu maddeen gabaasan.

Kitaabota akka hin gurguramne dhoorkaman jidduu Usulussalaasaa, Kitaabuttawuhiid, Aqiidatul Waasixiyyaa, Al Irshaad, Keshfe Shubhaat fi kitaabban Tawuhiidaa kan birootis jiraatuu gabaafameera.

Qaamni kitaabban kana osoo gurguru argame, hidhaan kan adabamuu fi akkasumas manni Kitaabaa kan irraa cufamu ta’uu kan akeekkachiisan ta'uus odeeffannoon argame ni addeessa.

Kaassettaa fi Siidiiwwan Muhadaraa adda addaa kan daa'iiwwan biyya keessaatiin qophaa'anis akka hin gurgurre kan himameef tahuu beekameera.

Hooggantoonni majliisa amantaa Ahbaashotaa kunniin masjiidota magaalatti keessatti argaman adda addaatis Afrikaa Tv'n Tv Kaafiraatii hin hordofinaa jechuun kan barsiisaa jiran tahuus gabaafameera.

Kitaabban Tawuhidaa akka hin gurguramne erga dhoorkanii booda magaalaa Kombolchaatti kitaabban amantaa Ahbaash hedduminaan kan faca’an tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page