Godina Jimmaa aanaa limmuu saqqaatti Waldaan dargaggootaa gubamuu gabaafame.
- NuuralHudaa
- Mar 28, 2017
- 1 min read

Godina Jimmaa aanaa Limmuu Saqqaatti manni Waldaa dargaggootaa balbala 12 qabu jimaata dabre abiddaan gubamuu odeeffannoo naannawa irraa nu gahe ni addeessa.
Akka miseensi waldaa kanaa nuuf himetti;
Waldaan kun miseensota 24 ol kan qabu yoo tahu, manni waldaa kutaa 12 qaama hin beekamneen kan gubame yoo tahu, namni tokko kan naannawa san jiru yeroo ummanni ibidda kana dhaamsuuf yaalii godhaa turetti dhiisaa haa gubatu jedhee dubbatee too’annaa jala kan oole tahuus nuuf himeera.
Akka miseensi waldaa dargaggoota kun nuuf himetti hangi qabeenyi balaa ibbidaa kanaan barbadaa'ee yoo xiqqaate qarshii miliiyoona tokkotti kan tilmaamamu tahuus nuuf himeera.
Nama balaa kana kaase ilaalchisee qorannoon miseensota waldichaa fi hawaasa naannawa sanii mara irratti godhamuu kan itti fufe tahuu maddeen gabaasaniiru.
Commentaires