Baqattoonni 250 tahan galaana Mediteraaniyaan liqimfamuu hin oolan jechuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Mar 24, 2017
- 1 min read

Baqattoonni 250 ol tahan kan Liibiyaa irraa doonii lamaan ka'anii turan galaana Mediteraaniyaan nyaatamuu hin oolan jechuun dhaabbanni deeggarsa Ispeen tokko ibse.
Dubbi himtuu dhaabbatichaa kan taate Laura Lazuna
Reeffi dargaggoota 5 kan dooniiwwan san irra turan galaana Mediteraaniyaa irratti argameera jechuun AFP himte.
Dubbi himaan qindeessitoota ittisa balaa Xaaliyaan reeffi nama 5 argamuu mirkaneeffannee jirra jedha.
Dubbii himaan kun BBC akka himetti
Waardiyoonni qarqara galaanaa, dooniin liqimfamuu wanti isaan beekan kan hin jirree fi waamichi deeggarsa gaafatuu tokkollee hin godhamne jedha.
Lanuzan immoo akka jetutti yoo xiqqaate baqattoonni 240 tahan kan doonii lamaan kana irra turan galaana Mediteraaniyaan liqimfamaniiru jetti.
Gareewwan doonii balaa baqattoota Mediteraaniyaa irratti qunnamu hambisuuf dhaabbatan akka ibsanitti ,erga Turkii fi Giriik daangaa isaanii cufanii lakkoofsi baqattoota Liibiyaa irraa ka'uun gara Awurooppaa seenuuf yaalan dabaleera jedhu.
Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) waggaa kana keessa baqattoonni 20,000 ta’an galaana Mediteraaniyaa irraan Xaaliyaanii kan seenani fi 559 ol kan tahan immoo du’aniiru ykn eessa akka seenan hin beekamne jedha.
Dubbii himaan IOM Joel Millman akka jedhutti
"Bara 2016 Fulbaana hanga Bitootessaatti baqattoonni 19,000 nagaan Xaaliyaanii kan gahan yoo tahu 350 tahan immoo galaana Mediteraaniyaan liqifamaniiru. Kan waggaa kanaaf waggaa darbee yoo wal bira qabnee madaaalle lakkoofsi namoota du'anii kan duraanii caalaa dabalee jira" jedha.
Comentarios