top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Sa'uudii lammiiwwan biyya alaa kan hayyama jireenyaa hin qabne ji'a 3 keessatti a

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 23, 2017
  • 2 min read


Lammiiwwan biyyoota adda addaa irraa gara Sa'uudii seenuun hayyamni jireenya isaanii sababa adda addaan irraa kufe ,osoo tarkaanfiin adabbii tokkoyyuu irratti hin fudhatamin ji'a 3 keessatti gara biyya isaaniitti akka deebi'an yeroon kan kennameef ta’uu gabaafameera.


Ilma mootii Sa'uudii kan tahe Muhammad Bin Nayiif hayyama Mootii Sa'uudii Salmaan irraa argateen, duula lammiiwwan biyyoota adda addaa irraa karaa seeraan alaatiin gar biyyattii seenan baasuuf geggeessuuf qophii kan xumure ta’uu miidiyaaleef ibseera.


Kaayyoon guddaan ji'a 3f dhiifamaan akka turan godhameef, daangaa biyyattii kabajsiisuuf,tarkaanfii seeraa lammiiwwan hayyama jireenyaa hin qabne irratti fudhataman hambisuu fi lammiiwwan biyyoota adda addaa irra karaa seeraan alaatiin biyyattii seenan dhiifamaan adabbii tokkoon alatti gara biyya isaaniitti deebisuuf ta’uu gabaafameera.


Akka labsii kana irratti ibsametti, lammiiwwan biyyoota adda addaa kan karaa seeraan alaatiin seenanii fi hayyamni jireenyaa isaanii sababa adda addaan irra bade Rajab 1/1438 hijra ykn March 29/2017 irraa kaasanii guyyaa 90 keessatti dhimma isaanii xumuruun biyyattii lakkisanii akka bahan kan agarsiisu ta’uu ibsameera.


Lammiiwwan labsii dabre kana irratti hundaa’uun biyyattii lakkisanii bahan yeroo barbaadanitti karaa seera qabeessaan gara Sa'uudii deebi'anii seenuu kan danda'aniifi rakkoon ashaaraa qubaas ta’ee kan biraatis kan isaan hin qunnamne ta’uu ibsameera.


Labsiin kun Namoota biyyoota adda addaa irraa sababa Hajjii, Umraa, maatii dubbisuun ykn Tiraanziitiin Sa'uudii seenuun waraqaa jireenyaa irra kufes kan ilaallatu ta’uu gabaafameera.


Ji'a 3'n kana keessatti lammiiwwan biyya alaa kan kanaan duraa adabbiin hidhaa fi mallaqaa itti murteeyfamee ture kaffaltii tokkoon alatti gara biyya isaaniitti deebi'uu kan danda’an ta’uu labsii kan irratti ibsameera.


Yeroon ji'a 3 kan dhiifamaan kenname kun kan lammiiwwan biyyoota alaa kan hayyama jireenyaa hin guuttatin fi karaa seeraan alaatiin biyyattii seenuun jiraataa jiran akka biyyattii lakkisanii bahaniif kan kenname malee kan namoonni waraqaan jireenyaa irraa kufe akka sirreeffatani kan labsame akka hin tahinis beekuun danda'ameera.


Kanaafuu lammiiwwan biyya keenya kan hayyama jireenyaa malee biyya Sa'uudii keessa jirtanii fi karaa seeraan alaatiin seentan yeroo kenname kanatti fayyadamuun adabbii tokkoon alatti gara biyyatti deebi'uun sa'aa barbaaddanitti karaa seera qabeessaan deebi'uuf haala akka mijeeffatuu qabdan dhaamsi darbee jira.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page