Masjiidni Jaarraa 15ffaa keessa Otomaan Turkiin ijaarame gubate.
- NuuralHudaa
- Mar 22, 2017
- 1 min read

Masjiidni kun jaarraa 15ffaa keessa iddoo Didymoteicho jedhamu kan kaaba baha Giriikiitti argamutti Otomaan Turkiin kan ijaarame yoo tahu osoo haaromsi godhamaafii jiru balaa abiddaatiin barbadaa'uu gabaafameera.
Itti gaafatamaan ittisaa balaa abiddaa naannawa sanii Nathanail Rigas AFP akka himetti
"Hanga ammaatti balaa kanaan wal qabatee kan namaan raawwatame tahuu ragaan agarsiisu tokkolleen hin argamne" jedha.
Bulchaa magaalaa Didymoteicho Paraskevas Patsouridis
"Balaa ibiddaa kanaan gardafoon/ ‘xaaraan’ masjiidaa guutumaan guututti barbadaa'uu ibseera.
Poolisni naannawa saniitis abidda diqqaa guyyaa kaleessaa yeroo haaromsi godhamaa turetti Masjiida keessatti hafetu qabate jedha.
Masjiidni kun umrii waggaa 600 kan qabu yoo tahu Hambaaleen seenaa muslimoota Awurooppaatis masjiida kana keessatti kan argaman tahuus bulchaan magaalaa Didymoteicho AFP himeera.
Comentários