Haleellaan Xayyaara Ameerikaa, namoota nagayaa galaafatuu isaa itti fufee jira. Odeeyfannoo
- Odeeyfannoo
- Mar 22, 2017
- 1 min read

Eega Donald Trump aangoo qabatee as, haleellaan Ameerikaan Iraaq, Suuriyaa fi Yaman irratti raawwattu daran dabalee jira. Haleellaa xayyaaraa kanaanis namoonni nagayaa hedduun miidhamutti kan jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Torbaan darbe keessa Haleellaa Masjiida irratti raawwatameen muslimoonni masjiidicha keessa jiran kan 58 ta’an ajjeefamuu isaanii isiniif gabaasnee turre. Haaluma wal fakkaatuun torbaanuma darbe keessa Haleellaa xayyaaraa Ameerikaan Mana baruumsa baadiyyaa al Mansuuraa keessatti argamu irratti raawwatteen, namoota 30 ol akka ajjeeftes beekameera.
Ameerikaan haleellaa Suuriyaa fi Iiraaq irratti raawwataa jirtuun bara 2014 irraa kaasee haga ammaatti , namoota qulqulluu 220 ta’an akka ajeefte dubbattus, qeeqxonni siyaasaa garuu lakkoofsi namoota nagayaa du’anii lakkofsa kana hedduu akka caalu dubbatan.
Ummata Suuriyaatti jireenyi hammaatee jira. Magaalaa keessaa waraana dheessanii baqatan. Bakka itti baqatanittis haleellaan xayyaaraa irraa hin dhaabbanne. Yeroo biyya ofii irraa baqatanii ollatti godaanan ammoo nutti hin dhufinaa jedhaa balbala itti cufan. Rabbiin isaaniif haa dirmatu.
____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa
Comments