Imaltoonni biyyoota muslimaa 8 akka meeshaa Elektirooniksii qabatanii Ameerikaa hin seenne ugguramuu
- NuuralHudaa
- Mar 21, 2017
- 1 min read

Ministeerri nageenya biyya Ameerikaa (DHS) Imaltoonni biyyoota muslimaa 8 irraa tahan bilbilaa harkaa(Mobaayila) alatti meeshaa Elektirooniksii bifa kamiiyyuu qabatanii akka Ameerikaa hin seenne ugguruu ibseera.
Akka qondaalli Ameerikaa tokko dubbatetti, Imaltoonni buufata xiyyaara 9 kan biyyoota muslimaa 8 irraa tahan akka meeshaalee Elektirooniksii adda addaa qabatanii Ameerikaa hin seenne kan uggurame tahuu ibsameera.
Buufatoonni Xiyyaara fi Biyyoonni Muslimaa mootummaa Ameerikaan uguraaman kunniin
Buufata Xiyyaara Addunyaa Kaayiroo (Cairo International Airport)
Buufata Xiyyaara Addunyaa Kuwiin Aliyaa (Queen Alia International Airport) Jordan
Buufata xiyyaara Addunyaa Kuweet (Kuwait International Airport)
Buufata Xiyyaara Muhammad V (Mohammed V Airport) Morocco
Buufata Xiyyaara Addunyaa Hamad (DOH) Qatar
Buufata Xiyyaara Addunyaa King Abdulaziiz ( King Abdul-Aziz International Airport) Saudi
Buufata Xiyyaara Addunyaa Ataturk(Ataturk International Airport) Turkey
Buufata Xiyyaara Adduunyaa Dubay (Dubai International Airport) Yuunaytiid Arab Emireetii fi
Buufata Xiyyaara Adduunyaa Abuu Dhaabii (Abu Dhabi International Airport) Yuunaytiid Araab Emireetii yoo tahan, lammiiwwan buufata Xiyyaara biyyoota kanniin irra gara Ameerikaatti imalaan meeshaalee Elektirooniiksii akka laaptoopii, Kaameraa, Tableeti, DVD, Printaraa qabatanii akka Ameerikaa hin seenne uguraamu gabaafameera.
Odeeffannoo walfakkaatuun eega Ameerikaan uggura kana labsitee sa'aa muraasa booda mootummaan Biriteenis labsii walfakkaataa kan baase tahuu gabaasni BBC irra argame ni addeessa.
Biriteenis akkuma Ameerikaa buufata Xiyyaara 9 kan biyyoota muslimaa 8 tahan irraa imalaan meeshaalee Elektirooniksii qabatanii biyya ishii akka hin seenne ugguru gabaafameera.
Qondaalli Ameerikaa tokko sababni ugguraa kanaa " Meeshaalee Elektirooniiksii kanniin keessatt Boombiin dhokfamuu danda’a" jedha.
Comments