top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii olaanaa oliyyannoo muslimoonni galmee Amaan Asaffaa jalatti dhiheeffatan kuffise.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 20, 2017
  • 1 min read

Muslimoonni galmee Amaan Asaffaa jalatti himatamuun hidhaan adabbii itti murteeyfamee ture Fulbaana 18/2009 murtiin nu irratti darbe sirrii miti bilisaan lakkifamuu qabna jechuun mana murtii olaanaatti iyyannoo dhiheeffatanii turan, Abbaan Alangaatis murtiin darbe sirriidha jechuun kan falme yoo tahu, guyyaa hardhaa manni murtii olaanaa falmii himatamtootaa fi abbaa alangaa eega dhageeffate booda murtiin duraan darbe sirriidha jechuun murtii kan dabarse tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Muslimoota kana irratti abbaan alangaa yakka dharaa shororkeessitoota waliin qunnamtii qabdu jedhu itti dhiheessuun adabbii hidhaa waggaa 3 fi ji'a hanga waggaa 19 itti murteeyfamuu ni yaadatama.


Dhaddacha guyyaa hardhaa galmee kana jalatti himatamuun adabbiin hidhaa waggaa 3 itti murteeyfamuun adabbii xumure kan bahe gaazeexessaa Selemoon Kabadaa kan argame yoo tahu, obboleeyyan muslimaa mana hidha Ziwaayiitti hidhamanii argamanis pilaazmaan hordofuu maddeen gabaasaniiru.



Muslimoonni galmee kana jalatti himatamuun murtiin itti darbe


1.Ustaaz Amaan Asaffaa( Hidhaa waggaa 13)

2.Gaazexessaa Salamoon Kabbadaa ( waggaa 3)

3.Abdulfataah Shariif (Waggaa 10)

4.Muftii Muhammad (waggaa 10)

5.Anwaar Aadam(waggaa 13)

6.Ibraahiim Abduu( waggaa 7)

7.Ahmad Mamoo ( Waggaa 7)

8.Muhammad Abdulqaadir (waggaa 6)

9. Salahaddiin Sa'iid (waggaa 4)

10.Husseen Roobaa(waggaa 6)

11.Abdurazaq Sehekh Ahmad ( waggaa13)

12.Nuraadiin Muhammad (waggaa 7)

13.Sheekh Muhammadnuur Abdallaah (waggaa 7) akkasumas muslimoonni 11 bakka isaan hin jiretti adabbiin waggaa 19 itti dabarfamee ture.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page