Baqattoonni Sumaaliyaa Dooniin imalaa turan ajjeefaman
- NuuralHudaa
- Mar 17, 2017
- 1 min read

Baqattoonni Somaaliyaa 31 kan dooniin imalaa turan, haleellaa helikooptaraan isaanirratti raawwatameen ajjeefamuu isaanii, Poolisiin daangaa Hodeeydaa toohatu gaazexeessitoota himee jira. Baqattoonni waraqaa ragaa UNHCR qaban kunniin guyyaa kamisaa Yaman irraa gara Suudaan imalaa akka turan Mohammad al Aleey Rooytarsitti himee jira. Yeroo kanatti Helikoptarri Apaachee jedhamu irraa, Misaa’ela dhukaafameen, bakka Baab al Mandabitti dhihaatutti haleellaa isaanirratti raawwateen baqattoonni 31 ajjeefamuu isaanii ibse.
Shofeerri Doonii sanii kan ta’e Ibraahim Alii Ziyaad baqattoonni 80 haleellaa san boodaan lubbuun baraaramuu isaanii himee jira. Haleellaan kun eenyuun akka raawwatame hanga ammaatti wanti beekkame hin jiru. Haa ta’u malee naannoo Hodeeydaah jedhamu kun bara 2014 irraa kaasee finciltoota Huusii kan Iiraaniin gargaaramiin kan toohatame ta’uun isaa beekkamee jira.
____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
Comentários