Ameerikaan Haleellaa Xayyaara raawwatten Muslimoota masjiida keessa jiran ajjeefte.
- Nuural Hudaa
- Mar 17, 2017
- 1 min read

Xayyaarri Waraana Ameerikaa haleellaa halkan kamisaa Kutaa bulchiinsa Aleepoo jalatti kan argamtu Baadiyaa Al Jiinaa irratti raawwatteen, masjiida Umar ibn Alkhaxxaab, dhahuun muslimoota yeroo san salaataaf walitti qabaman keessaan kanneen 58 ta’an ajjeesuun isii gabaafamee jira.
Waraanni Ameerikaatis haleellaa raawwachuu isaa kana mane yoo ta’u, haa ta’u malee nuti Masjiida osoo hin taanee, mana miseensonni Al Qaa’edaa walitti qabaman dhahuudhaaf kaayyeeffanne jedhe.
Akka namoonni naannoo sanitti argaman ibsanitti, yeroo sanitti namoonni haga 300 ta’an salaataaf masjiida keessatti kan walitti qabaman yoo ta’u, haleellaa Kanaan namoonni 100 ol madaahanii jiran.
Waraanni Ameerikaa bakki nuti rukutuuf xiyyeeffanne Masjiida irraa meetira 15 ni fagaata jedhaniis, balaan mudate akka agrsiisutti, kan guutumaan guututti rukutame Masjiidicha ta’uun isaa beekamee jira. Waraanni Ameerikaatis rakkoon kun akkamitti akka mudatuu danda’e ni qoranna jedhee jira.
Namoonni caccaba masjiida jalatti hafan waan jiraniif, lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u aktivistoonni naannoo Al Jiinaa irraa ibsanii jiran
____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
Comments