top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

INNAALILLAAH WA'INNAA ILEEYHI RAAJI'UUN!

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 16, 2017
  • 1 min read


Sheekh Abdulnuur Areeroo Aakiraman.



Daa'iin beekamaan godina Booranaa kan tahan Sheekh Abdulnuur Areeroo guyyaa hardhaa kan Aakiramanii fi sirni Awwaalcha isaanii aanaa Dirree magaalaa Meeggaatti kan raawwatame ta'uu odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa.



Sheekh Abdulnuur amantaa Piroteestaantii irratti guddatuun, Barnoota amantaa Piroteestaanti dhaabbilee misiyoonii biyyoota alaa irraa fudhatuun, warra Piroteestaantii kan tajaajilaa ture yoo tahu, amantaa Islaamaa fi Amantaa Piroteestaanti wal bira qabuun eega qoratan booda amantaan Islaamaa amantaa dhugaati, akkuma amantaa dharaa kana biyya adda addaatti deemee baradhe, kan dhugaa kanas baratuun namoota duraan kafarsiise akka karatti deebi'an sababa tahuu qaba jechuun Boorana irraa ka’anii godinaalee Oromiyaa adda addaa akkasumas, Biyya alaa gara Keeniyaa deemuun ilmii barataa eega turan booda gara biyyatti deebi'uun godina Booranaa keessatti da'awaa babaldhisaa turan.



Sheekh Abdulnuur guyyaa wixataa akka tasaa dhukkubsatanii Hospitaala Yaaballootti yaalamaa eega turan booda guyyaa hardhaa Aakiramuu gabaafameera.


Guyyaa hardhaa magaalaa meeggaatti iddoo hawaasni muslimaa lakkoobsaan guddaa tahe itti argametti Sirni Awwaalcha isaanii kan raawwatame ta'uu odeeffannoon argame ni addeessa.



Sheekh keenyaaf Rabbiin Haa Araraamu, Jannatal Firdoowusiin haa qananiisu. Maatiiwwan isaanii fi hawaasa muslimaa maraan Rabbiin sabrii isaaniif haa kennu jenna.


Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page