top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Itiyoophiyaa qajeelfamoota yeroo labsii muddamaa kaa’e jidduu qabxiiwwan muraasa kaasuu i

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 15, 2017
  • 1 min read


Hoogganaa garee Komaand Poostii fi ministeera Raayyaa Ittisa biyyattii kan tahe Obboo Siraaj Fargeessaa, ibsa guyyaa hardhaa miidiyaalee biyya keessaatiif kenne irratti ,qajeelfama labsii yeroo muddamaa kaa'ame keessaa qabxiiwwan muraasni kaafamuu dubbate.


Qajeelfama yeroo 3ffaaf haaroomfamee dhihaate irratti qabxiiwwan qajeelfama duraanii irratti kaa'aman kan akka nama naannawa dhaabbilee mootummaatti sa'aa hojiitiin alatti argame irratti humnoonni nageenyaa tarkaanfii fudhatuu qabu kan jedhu akka hafu kan godhame tahuu gabaasni Faanaa Biroodkaast irraa argame ni addeessa.


Wantoonni akka dhoorkaman qajeelfama duraanii irratti labsamanii amma haaromfamee bahe irraa kan kaafaman kan biroo immoo

1.Ajaja mana murtiitiin alatti hidhuu.

2.Hanga Labsiin yeroo muddamaa xumuramutti gareen Komaandi Poostii iddoo itti murteesse turuu.

3.Namoota too'annaa jala oolaniif leenjii haaromsaa kennamuun mana murtii kan dhihaatuu qabu haa dhiyaatu.


4.Ajaja mana murtiitiin alatti sakatta’iinsi sa'aa barbaadametti poolisa wajjiin tahuun geggeeffamuu ni danda’a.


5. Dhaamsa barruu, raadiyoo, Tv fi Tiyaatira adda addaatiin darbu too’achuu.


6.Qabeenyota saamaman ajaja mana murtiitiin alatti saakatta’uu .


Qabxiiwwan asii olitti ibsaman kunniin qajeelfama amma bahe irraatti kan haqaman tahuu gabaasni faanaa Biroodkaast irra argame ni addeessa.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page