Lammiiwwan Itiyoophiyaa Sudaan keessa jiran dararaan nutti jabaate jedhu.
- NuuralHudaa
- Mar 15, 2017
- 1 min read

Lammiiwwan Itiyoophiyaa Sudaan keessa jiran dararaa fi hidhaan poolisoota Sudaaniin nuu irratti raawwatamu guyyaa irraa guyyatti dabalaa jira jechuun dubbatu.
Akka namni achi jiru tokko nuuf himetti
Iddoo Abu Hamaad jedhamu kan daangaa Misraatti dhiyaatutti Bitootessa 11/2017 ganama naannawa sa'aa 5:00 irraa kaasee poolisoonni mootummaa Sudaan lammiiwwan Itiyoophiyaa naannoo kana jiraatan namoota 200 ol hidhaniiru. Namoonni hidhaman kunniin nyaata tokko malee miidhamaa jiru, namoonni hin hidhamin immoo manaa bahuu waan sodaannuuf guyyaa 3f osoo mana hin bahin qoonqoon dhumaa jirra, gara Imbaasii Itiyoophiyaa kan Sudaan keessatti argamuttis yoo bilbillu wanti nu beeknu hin jiru jechuun nuuf deebisanii achi booda bilbilaa nu jalaa kaasuu didani jechuun nuuf himeera.
Sababni isaan kana godhaa jiraniif namoota waraqaa jireenya hin qabne jechuun yoo tahu, amma garuu namoonni waraqaa qabanis dararamaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Warri yeroodhaaf hin qabamin muraasni sodaa irraan kan ka'e qabeenya isaanii kan horatan gatii rakasatti gurguratanii halkan dukkanaan konkolaataa duraan qarshii 180 itti kafalamaa ture amma 2000 kafaluun godaanaa jiraatuu maddeen gabaasaniiru.
Namoota qabamanii hidhaan daraaramaa jiran irratti qarshii 2000 itti murteessani baasanii gara biyyaatti kan darbamaa jiraniif akkasumas, namni qarshii kana baasuu hin dandeenne hidhaa ji'a 6 eega hudhamee booda akka gara biyyaatti darbamu kan murteeyfame tahuus beekameera.
Comments