top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Awurooppaa Kaampaaniiwwan hojjattoota isaanii Hijaaba dhoorkuu akka danda'an hayyam

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 14, 2017
  • 1 min read


Manni murtii Awurooppaa ibsa guyyaa hardhaa kenne irratti


"Dhaabbanni tokko qajeelfama mataa isaa kan mallattoo amantaa, siyaasaa calanqisiisu hojjattootni isaa akka hin uffanne dhoorke, dhiibbaa godhe hin jedhamu" jedha.


Manni murtii Awurooppaa himannaa kanaan dura dubartoonni muslimaa lama Faransaayii fi Beeljiyeem irraa sababa hijaaba hin baafannu jechuu isaaniitiin hojii isaanii irraa ari'amaniif dhiheeffatan irratti murtii dabarsuu INDEPENDENT NEWS gabaaseera.



Seerri kun kan dubartoota muslimaa irratti dhiibbaa uumuuf tumame jechuun qeeqamee jira.


Pirezedaantii Waldaa Oggeeyyii Abbootii alangaa dubartoota muslimaa fi mirga namoomaa Beeljiyeem kan taate Kim Lecoyer akka Aljaziiraaf ibsitetti


"Seerri kun kan amantaa irratti dhiibbaa uumuuf tumame. Akkasumas Manni murtii dhiibbaa dubartoota muslimaa irratti godhamaa jiru kan falmuu qabuu fi mirga dubartootaa kabajsiisuu dirqama osoo cunqursaa kana deeggaruu filatee jira” jechuun Aljaziiraaf himte.



Biyyoota Awurooppaa adda addaa keessatti dhiibbaan dubartoota muslimaa irratti godhamu guyyaa irraa guyyatti kan dabalaa jiru tahuus gabaafameera.


תגובות


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page