Godina Shawaa kaabaatti Muslimoonni 12 waraana mootummaatiin ukkamfamuu gabaafame
- NuuralHudaa
- Mar 14, 2017
- 1 min read

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa aanaa Darraa ganda 03 iddoo Buchoo jedhamu irraa qotee bultoonni muslimaa 12 isin hordoftoota amantaa Wahaabiyyaati jechuun guyyaa 11 dura ukkaamsuun kan dararamaa jiran tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Akka jiraattoonni naannawa sanii ibsanitti
"Muslimoonni kunniin amantaa isaaniitiin ciccimoo waan tahaniif maqaa mankaraarisitootaa fi Wahaabiyaa jedhu itti maxxansuun ji'a dabre keessa waraanni mootummaa mana isaanii irraa ukkaamsuun kan dararamaa jiran tahuu dubbatan. Akkasumas namtichi Ahbaash Sheekh Haad Deriiy jedhamu poolisoota waliin tahuun kan hiisise yoo tahu, namtichi kun deeggartoota isaa waliin tahuun hawaasa muslimaa kan dararaa jiru tahuus gabaafameera.
Comments