Balaa sigiga lafaa guyyaa kaleessaa naannawa Qosheetti uumameen lakkoofsi namoota du'anii 62 gah
- NuuralHudaa
- Mar 13, 2017
- 1 min read

Magaalaan Finfinnee gaddaan liqimfamtee jirti, miidiyaaleen Addunyaa balaa sigiga lafaatiin uumamee lubbuun namoota hedduu itti bade ilaalchisee gabaasa isaanii dhiheessuu itti fufaniiru.
Balaan uumame kun gabaasa dharaa mootummaan Itiyoophiyaa biyyi teenya guddatte jechuun dhiheessaa ture saaxileera.
Lubbuun namoota du'anii dabalaa jira, gabaasni haga ammaa bahe akka agarsiisutti lubbuun namoota 62 kan darbe fi namoonni hedduun miidhamanii hospitaalatti yaalamaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Namoota lubbuun isaanii bade kana jidduu guyyaa hardhaa Janazaan obboleeyyan muslimaa 17 mana baruumsa Awwaliyatti eega kafanamee booda sirni awwaalcha isaanii qabrii muslimaa kolfeetti raawwatamuu gabaafameera.
Oduun akkaan nama gaddisiisu immoo Abbaan warraa tokko ijoollee 6 sababa balaa kanaatiin kan dhabe tahuus gabaafameera.
Hanga ammaatti iddoo balaan kun itti uumame kana qotuun reeffa namootaa barbaaduun itti fufeera.
Comments