Ummanni Miiliyoona 20 ol tahu rakkina hoongeetiif saaxilamuun beekame.
- NuuralHudaa
- Mar 12, 2017
- 1 min read

Addunyaan yeroo ammaa kana gaaga’ama guddaa keeysa seentee jirti. Lammiileen Miiliyoona 20 ol ta’an, kan biyyoota afur keessatti argaman hoongee hamaan miidhamaa jiru. Ilmi namaatiifi Beeyladoonni sababaa hoongeetiin bakka hundatti harca’aa jiru. Hoogganaa dhimma namooma dhaabbata Mootummoota gamtoomanii kan ta’e, Isteefan Obraayan, “yoo tokkoomnee waan kana gargaarre malee, ilmi namaa haaluma salphaan sababa beelaatiin dhumuu danda’a. dhukkubniifi rakkoon adda addaa ilma namaa miidhuu danda’a. Balaa hamaa biyyoota, Yaman, Suudaan Kibbaa, Somaaliyaa fi Naayjeeriyaa keessatti mudate dandamachuuf haga ji’a adooleessaatti Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 4.4 barbaanna” jedhee dubbate.
Akka Obraayan jedheti, rakkoon hamaan ammaan tana biyya Yaman keessa jira. Lammiilee Yaman keessaan harka tokko sadaffaa kan ta’an gargaarsa hatattamaa barbaadu. Namoonni Miiliyoona 7 ta’an waan amma sooratan eessaa akka argatan wanti beekan hin jiru. Taa’aniituma carraa isaanii eeggatan.
Rakkinni kun Suudaan Kibbaa keessatti daran hammaatee jira. Sababa waraana Mootummaa fi mormitoota jiddutti jalqabameetiif, lammiileen heddu qe’ee isaanii irraa buqqa’anii jiru. Namoonni miiliyoona 7.5 ta’anis gargaarsa barbaadu. Waraana Suudaan kibbaa keessatti mudate Kanaan ji’a Amajjii darbe keessatti qofa, namoonni kuma 200 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’anii jiru.
Somaaliyaatti ammoo walakkaan hawaasa biyyattii gargaarsa hattamaa barbaada. Ammaaf namoonni miiliyoona 6.2 ta’an gargaarsa kan barbaadan yoo ta’u, yoo rakkoon amma jiru haaluma Kanaan itti fufe, kanneen miiliyoona 3tti dhihaatan lakkoofsa duraanii irratti dabalamuu akka danda’anis himamee jira.
Naayjeeriyaa Kaaba bahaattis, namoonni hedduun waraana Boko haraamii fi Mootummaa jiddutti godhamaa jiruun miidhamanii jiran. Waraana Waggaa torbaaf itti fufe kana keessatti, lubbuun namoota 20,000 olii kan bahe yoo ta’u, kanneen miiliyoona 2.6 ta’an ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, gargaarsa hatattamaa eeggataa jiru. Sababaa hammeenya hoongee naannoo kanaa, daa’imman hundi dhumanii jiru. manguddoonnis lafaa ka’uu dadhabanii jiru jechuun Obraayan ibsee jira.
Comments