top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Finfinnee naannoo Qoshetti lafti Sigigaatee lubbuun namoota 24 darbe

  • Nuural Hudaa
  • Mar 12, 2017
  • 1 min read

Magaalaa Finfinnee naannoo Qoshetti halkan kaleessaa, biyyeen yeroo dheeraaf walitti tuulamaa ture sigigaachuudhaan manneen namoota hedduu liqimsuun isaa gabaafamee jira. Haaluma Kanaan haga ammaatti lubbuun namoota 24ii kan bahe yoo tahu, kanneen 37 ta’an ammoo lubbuun hafuu danda’anii jiran. Haga ammaatis namoonni achi buuteen isaanii dhabame akka jiru beekuun danda’amee jira.

Naannoon kun waggaa 50 oliif bakka balfi magaalaa Finfinnee itti walitti qabamaa ture yoo tahu, namoonni harka qalleeyyii ta’aniifi kan manneen gaggaarii keessa jiraachuu hin dandeenye, mana pilaastikaa fi wantoota garagaraa irraa ijaarachuun naannoo san jiraataa akka turan, gabaafamee jira. Yeroo balaan kun mudatu yoo xiqqaate namoonni 150 naannoo san akka turan jiraataa naannoo sanii kan ta’e Asaffaa Taklahaymaanota Asoshiyeetid Preesitti himee jira.

Jiraataan biraa kan Tabajjuu Asras jedhamu ammoo rifaatuun guddaan isa liqimsee, “Manni kiyya bakka san ture” jedhe qubaan gara naannoo biyyeen liqimfamee akeekuudhaan. “Haati tiyyaa fi obboleewwan kiyya kan dubraa sadihis yeroo balaan kun mudatu mana keessa turan. Haga ammaatti waan isaan ta’an beekuu hin dandeenye” jedhe.

Haga ammaatti namoonni achi buuteen isaanii dhabame waan jiraniif, lakkoofsi namoota du’anii daran dabaluu akka danda’u kantiibaa magaalaa Finfinnee kan ta’e, Obbo Dirribaa Kumaa gaazexeessitootatti himee jira.

____________ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x

NuuralHudaa


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page