Sababa Hoongeetiin Barattoonni kuma 250 Ol tahan barnoota dhiisuun gabaafame.
- NuuralHudaa
- Mar 11, 2017
- 1 min read

Dhaabbanni Mootummoota gamtoomanii gabaasa baase irratti hoongeen Itiyoophiyaa keessatti muldhataa jiru sadarkaa yaaddessaa irra jiraatuu ibsa. Keessumattuu sababa Hoongee naannoo Oromiyaa fi Naannoo Sumaaleetti uumameen lammiiwwan kumaatamaan lakkaa'aman qa'ee isaanii irraa kan buqqa'anii fi Barattoonni kuma 250 ol tahan barnoota isaanii kan lakkisuuf dirqaman ta'uu gabaafameera.
Barattoota barnoota isaanii lakkisuuf dirqaman kanniin jidduu immoo kuma 183 kan tahan naannoo Sumaalee irraa yoo tahu, isaan kuma 44 fi 571 tahan immoo, naannoo Oromiyaa irraa tahuu gabaasni kun ni agarsiisa.
Sababa Hoongee cimaa kanaaf naannoo Sumaalee irraa manneen barnootaa 437 ol tahan kan cufamaanii fi naannoo Oromiyaa irraa immoo manneen barnoota 141 tahan walumaagalatti manneen barnootaa 578 naannoowwan kanniin lamaan qofa irraa cufamuu dhaabbatichi ibseera.
Bishaanii fi nyaata barbaaduu maatiiwwan kuma dhibbaan tilmamaman qa'ee isaanii irraa buqqa'aniiru, isaan buqqa'an kanniin jidduu immoo isaan kuma dhibba tokkoof Jahaatamii sadii (163,000) tahan da'imman umriin isaanii barnootaaf hin gahin yoo tahan, da'imman qa'ee isaanii irraa buqqa'an kanniin nyaata guyyoota 75 dhiheessuuf immoo doolaara miliyoona 5.9 barbaachisa jedha dhaabbatichi.
Godinaalee hoongeen kun itti uumame kanniin keessaa horsiisee bultoonni akka godina Booranaatti argaman horii duraan qarshii kuma 15 gurguraa turan amma qarshii 700 hanga 1000 tokko gad buusuun gurguraa jiraatuus ibsameera.
Comments