top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Gaafii mirgi Wabii akka naaf eeggamu jechuun Doktor Mararaan dhiheeffate kuffisuun gaba

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 11, 2017
  • 1 min read


Iyyannoo kanaan dura Dr Mararaa Guddinaa mirgi Wabii akka naaf kabajamu jechuun dhiheeffate manni murtii Federaalaa dhaddacha guyyaa kaleessaa Bitootessa 10/2017 ooleen kan kuffise tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.



Abbaan Alangaa Federaalaa himannaan Dr Mararaa irratti dhihaate hanga adabbii du'aatti adabsiisau waan danda'uuf mirgi wabii akka hin kabajamneef mana murtii gaafate.


Manni murtii Lidetaatis falmii Abukaatoo himatamaa fi Abbaa Alangaa jiddutti geggeeffame eega dhaggeeffatee booda, himannaan Dr Mararaa Guddinaa irratti dhiyaate adabbii waggaa 15 hanga du'aatti adabsiisuu danda’a, kanaafuu biyya lakkisee baha jechuun kan iyyannoo mirga Wabii dhiyaate kuffise tahuu maddeen gabaasaniiru.



Abukaatoon himatamaa, Dr Mararaa Guddinaa nama waggaa 40f hammeenya Shororkummaa barsiisaa ture tahuu ibsuun yakki Shororkummaa isaan irratti dhiyaatuu hin qabu jechuun kan falme tahuu maddeen gabaasaniiru.


Dr Mararaa Guddinaa Affeerraa Gamtaa Awurooppaa irra godhameef irratti argamuun haasawa siyaasaa biyya keessa ture irratti kan godhan yoo tahu, akkuma Affeerraa kana irraa deebi'aniin, Hoogganaa Ginboot 7 Dr Birhaanuu Naggaa wajjiin qunnamte jechuun hidhamuun ni yaadatama.



Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page