top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Kombolchaatti Darasoonni Masjiida Taqwaatti qara'aa turan Wahaabiyya jechuun ari'am

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 10, 2017
  • 1 min read

Naannoo Amaaraa godina Walloo kibbaa magaalaa Kombolchaatti Barattoonni qaraatii diinii masjiida Taqwaatti barataa turan Isiin kaafiraa fi Wahaabiyya jechuun kan ari'aman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Namtichi Ahbaash kan Muhiddiin jedhamu kanaan duras magaalaa Kombolchaatti qaama mootummaa wajjiin tahuun hawaasa muslimaa kan dararaa ture yoo tahu, ammas barattoota Aalima masjiida kanatti barsiisu kan Sheekh Ahmad jedhamu irratti baratan Kaafira jechuun masjiida kanarraa deeggartoota isaa waliin tahanii kan ari'an tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Masjiidni Taqwaa kanaan dura harka hawaasa muslimaa kan ture yoo tahu, yeroo amma kana deeggarsa mootummaan harka hawaasa muslimaa irraa fuudhamee warra Ahbaashiif kan kenname tahuun ni yaadatama.


Hordoftoonni amantaa Ahbaash kun kanaan duras magaaluma kanatti barattoota 27 ol tahan kanniin Aalima Sheekh Muhammad Yaassin jedhamu irratti barataa turan akka hin baranne dhoorkisiisaniiru.


Ahbashonni Masjiidota magaalaa Kombolchaatti argaman deeggarsa mootummaatiin eega too'annaa isaanii jala galfatan booda namoota Aqiida isaanii hin deeggarre Kaafira jechuun masjiidaa fi iddoo qaraatii irraa kan akka ari'aman godhaa jiran tahuu odeeffannoon ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page