top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Yuunivarsitii Sharjaah Seenaa Saayinsii Muslimootaa irratti hundaa’uun sagantaa Badhaasaa jalqabuuf

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 9, 2017
  • 1 min read

Walgahiin Pirezedaantii Yuunivarsitii Sharjaah fi Miseensa mana maree waliigala UAE kan tahan Sheekh Sulxaan Bin Muhammad Al Qaasimiin hoogganamuun miseensoota boordii dhaabbata Seenaa Saayinsii Muslimootaa fi Arabootaa idil addunyaatiin ( The International Foundation of the History of Science of the Arab and Muslim) geggeeffame.


Walgahii kana irratti Boordiiwwan gabaasa fi qajeelfama irratti marii geggeessaniiru. Walitti qaba Bordiicha kan tahan Sheekh Sulxaan Biin Muhammad Al Qaasim gabaasa bordiiwwanii eega dhageeffatan booda manni marii Hambaa seenaa Saayinsii Muslimoota fi Araboota idil Addunyaatti walitti qabuu fi akkasumas sagantaan Badhaasa Seenaa Saayinsii Muslimootaa fi Arabootaa idil Addunyaa Sharjaah ( Sharjah International Award for The History of Science at Arab and Muslim ) akka bu'uureffamu ajaje.


Walgahiin kun ogeeyyii Seenaa fi Saayinsii Faransaayi, Sa'uudii, Ameerikaa, Kanadaa fi Pirofeesaroota Yuunivarsitii Sharjaah kan hirmaachise tahuus gabafameera.


Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page