Paarlaamaan Israa'eel seera Azaana ugguruu raggaasise.
- NuuralHudaa
- Mar 9, 2017
- 1 min read

Miseensonni Paarlaamaa Israa'eel guyyaa kaleessaa seera Azaana ugguruuf kanaan dura dhihaate sagalee caalmaan raggaasisuu gabaafameera. Seerri kaleessa raggaasifame kun miseensota paarlaamaa muslima tahan kan aarse fi seerri kun kan muslimoota irratti dhiibba uumuuf tumame jechuun balaaleffataniiru.
Akka seera kana irratti kaa'ametti masjiidni Sagaleen guddistuun irratti godhame mallaqa Israa'eel 5,000-10,000($ 1,350-2,700) akka adabamu kan jedhu tahuu gabaasni EURONEWS irra argame ni addeessa.
Uggurri kun biyyoota Arabaa ollaa Israa'eel jiran irratti aarii guddaa kan uume yoo tahu, seerri kun kan Israa'eel jibbiinsa muslimootaaf qabdu itti ibsatte fi seera addunyaa kan mirga walabummaa amantaa cabse jechuun qeeqaniiru.
Labsii bahe kana guyyaa kaleessaa miseensonni paarlaamaa Israa'eeli kan muslima tahan achumatti ciruun kan morman tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.
Miseensonni paarlaamaa Israa'eeli kan muslima kunniin ibsa guyyaa hardhaa labsii kana ilaalchisee gaazexaa NEWSWEEK jedhamuf kennan irrattii akka jedhanitti, seerri kun seera jibbiinsa muslimootaaf qaban kan ibsu ta’uuf, seera kanas akka Muummichi ministeeraa Biniyaamin Natyanahuu muslimoota itti miidhuuf karoorfate tahuu ibsaniiru.
Comments