Muummichi Ministeeraa lola daangaalee irratti geggeeffamaa jiruuf hooggantoota mootummaattu itti gaa
- NuuralHudaa
- Mar 9, 2017
- 1 min read

Muummichi ministeera Itiyoophiyaa ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaalee mootummaaf kenne irratti lola daangaalee Oromiyaa fi mootummaa naannoo Sumaalee jiddutti ji'oota 4 ol geggeeffamaa jiruuf hooggantoota mootummaa kutaalee lamaanii itti gaafataman bseera.
Obboo Haylaa Mariyaam ibsa miidiyaalee mootummaa kenne kana irratti
"Lolli daangaalee Oromiyaa fi mootummaa naannoo Sumaalee jiddutti ka’e kun kan qabeenyaan walqabate osoo hin tahin kan sababaa hooggantootan uumamee fi akkasumas hooggantoonni saboota kana jiddutti lolli akka ka'u godhaa turanis beekamaniiru" jedha.
Weerara loltoonni liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee daangaa Oromiyaa seenuun lubbuu dhalattoota Oromoo hedduu itti balleessitee fi saamicha raawwatte kana irratti humnoonni Raayyaa waraana biyyaa (Makalakayaan) kan hirmaataa ture tahuu isiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.
Comments