top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Bulchiinsi Kutaa Hawaay uggura Tiraamp biyyoota Muslimaa irratti baase mormuun himannaa bane.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 9, 2017
  • 1 min read

Seera Pirezedaantii Ameerikaa yeroo lammataaf lammiiwwan biyyoota muslimaa 6 akka Ameerikaa hin seennee fi ji'a Afuriif baqattoonni akka Ameerikaa hin seenne jechuun mallatteesse bulchiinsi kutaa Hawaay mormuun mana murtii Federaalaatti himannaa kan bane tahuu Huffington Post gabaaseera.

Bulchiinsi kutaa Hawaay kun Seerri kanaan dura lammiiwwan Biyyoota muslimaa 7 akka Ameerikaa hin seenne jechuun bahe, manni murtii kan heera Ameerikaatti fudhatama hin qabne jechuun kan kuffisee fi kan yeroo lammataaf bahe kunis garaagarummaa tokkollee kan hin qabne waan taheef manni murtii Federaalaa kutaa Hawaay akka kuffisu jechuun kan gaafate tahuu gabaafameera.

Abbaan Seeraa Hawaay Derrick Watson, “Himannaan Bulchiinsi Hawaay Qajeelfama Pirezedaantiin Ameerikaa yeroo lammataaf lammiiwwan biyyoota muslimaa akka Ameerikaa hin seenne jechuun mallatteesse mormuun dhiheeffate fudhatama argate" jechuun ibseera.

Qajeelfamni Fulbaana 27 bahe ture mormii lammiiwwan Ameerikaa buufata Xiyyaaraa adda addaatti fi iddoo adda addaatti dhageessisaa turaniin manni murtii aanaa Siyaatiilii fi Manni murtii Fraansiiskoo kuffisuu ni yaadatama.

Kan yeroo lammataaf bahe kanas ummanni kan duraanii akka mormetti ammas bahe akka mormu jechuun dhaabbileen hawaasa muslimaa Ameerikaa keessa jiraaniif, akkasumas Manneen marii hawaasa muslimaa kutaa Ameerikaa adda addaa keessatti argaman waamicha kan godhanii fi mormii adda addaa karaa nagayaatiin geggeessuuf qophii irra jiraatuu ibsaniiru.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page