Doonald Tiraamp ammas qajeelfama biyyoonni muslimaa akka Ameerikaa hin seenne ugguru mallatteesse.
- NuuralHudaa
- Mar 6, 2017
- 1 min read

Pirezedaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp eega aangoo qabatee booda guyyoota muraasa keessatti imaammata isaa haarawa hedduu mallatteesse. Imaammata inni mallatteesse kanas lammiiwwan Ameerikaa dabalatee biyyoonni addunyaa kan falmaa fi qeeqaa turan ta’uun beekamaadha.
Imaammata isaa kanniin jidduu kan falmii guddaa kaasuun hanga mana murtii isa kan geessee manni murtii irraa kuffise, kan biyyoonni lammiiwwan muslimaa hedduu qaban 7 Ameerikaa akka hin seenne dhoorke yoo tahu, manni murtii Ameerikaa qajeelfamni kun heera biyyattii biratti fudhatama hin qabu jechuun irraa kuffisuun ni yaadatama.
Eega manni murtii irraa kuffisee boodas yeroo lammaffaaf guyyaa hardhaa kan mallatteesse tahuu gabaafameera.
Uggura duraanitti biyyoonni akka Ameerikaa hin seenne dhoorkaman 7 yoo tahan, kan amma mallatteesse kun immoo Iraaq keessaa baasuun biyyoonni 6'n duraanii kan keessa jiran tahuu Rooyteersi gabaaseera.
Comments