top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Boombii waggaa tokko dura masjiida Anwaaritti darbameef Mootummaan nama ni shakke jedhe irratti hima

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 6, 2017
  • 1 min read


Waggaa dabre Arfaasaa 2008 masjiida guddicha Anwaar kan magaalaa Finfinnetti argamutti warra ayyaana Mawulidaa walitti bahuun masjiida keessatti kabajaa turan irratti mootummaan qabsoo hawaasni muslimaa karaa nagayaan geggeessaa jiru kallattii biraa qabsiisuuf jecha namoota isaa qopheessee boombii darbuu ni yadaatama.


Yeroo sanitti yakka ofii isaatii raawwate kana qabsoo nagayaa hawaasni muslimaa guutuu biyyaatti kaaseen walqabsiisuuf yaalii godhus tokkummaa hawaasni muslimaa agarsiiseen irraa fashalaa'ee ture.


Gabaasa guyyaa hardhaa gurra mootummaa tahuun kan beekamu Faanaa Biroodkaast dhiheesse irratti nama boombii kana darbuun miidhaa geessise irratti mootummaan himannaa kan bane tahuu gabaafameera.


FBC'N gabaasa isaa kana irratti "abbaan alangaa nama maqaan isaa Ahmad Musxafaa Abdoosh jedhamu kan naannoo Sumaaleetti dhalate irratti himannaan kan baname tahu gabaaseera.


Himannaan Abbaa Alangaatis; Obboo Ahmad Musxafaa walabummaa amantaa heerri biyyattii labse tarkaanfatuun gareewwan mankaraaristootaa wajjiin tahuun nama Sheek Haydeer Alii jedhamu wajjiin tahanii amantaa Ahbaash ni barbadeessina jechuun eega mari'atan booda raawwate kan jedhu tahuus FBC'N gabaaseera.


Namtichi too'annaa jala oole kunis yakka kana raawwatuuf qarshii 100,000 kan fudhate tahuus himannaa abbaan alangaa dhiheesse irratti ibsameera.



Mootummaan yeroo sanitti gocha raawwatame kana qabsoo nagayaa hawaasni muslimaa guutuu biyyattiitti geggeessaa ture wajjiin walqabsiisuun tokkummaa hawaasa muslimaa diiguuf yaalii godhus shirri isaa kun osoo fiixaan hin bahin hafuun ni yaadatama.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page