top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sumaaliyatti sababa Hoongeetiin guyyaa lama keessatti lubbuun nama 110 darbuu gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 5, 2017
  • 1 min read

Muummichi Ministeeraa Sumaaliyaa beelaa fi dhukkuba sababa hoongeetiin biyyattii keessatti mudateef namoonni 110 oli tahan sa'aa 48 keessatti du'uu ibse.


Muummichi Ministeeraa Hassan Alii Kheeyr ibsa guyyaa kaleessaa miidiyaaleef kenne irratti, " Haalli amma jiru horsiise bultootaa fi Horiif hedduu ulfaataadha, namoonni hedduun beelaaf dhukkuba garaa kaasaatiif saaxilamaniiru, sa'aa 48 dabran keessatti namoonni 110 ol tahan sababa beelaa fi dhukkuba garaa kaasaatiin naannoo Beey jedhamutti du'anii jiru" jechuun ibse.


Mootummaan Sumaaliyaa lammiiwwan isaa kan biyya adda addaa keessa jiran lubbuu namootaa, sababa beelaaf du'aa jiranii akka baraaran waamicha godhee jira.


Itti gaafatamaan dhimma dhaabbilee gargaarsa addunyaa Abdullah Umar Roobilee dhaabbata oduu DPA jedhamuu akka himetti, gandoota naannawa magaalaa Baayidaa jiraiitti namoonni du'aaf saaxilaman da'immanii fi manguddoota yoo tahan dhukkubsattootaaf dawaan gahaan kennamus kan hin jirre tahuu dubbate.



lammiiwwan miiliyoona 5.5 tilmaamaman dhukkuba sababaa bishaaniin uumaman kan akka Koleeraatiif dhukkuboota birootiif saaxilamuu gabaafameera.


Guyyaa jimaataa qofa namoonni 69 dhukkuba Koleeraatiin kan du'anii fi namoonni 70 oli tahan kan wal'aanamaa jiran tahuu gabaafameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page