top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Kaayiroo Pirezedaantiin Misraa duraanii yakka himatameen irraa bilisaan akka lakkifamu

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 2, 2017
  • 1 min read

Manni Murtii olaanaa Kaayiroo guyyaa hardhaa yakka ajjeechaa Pirezedaantiin Misraa duraanii kan waggaa 30f biyyattii bulchaa ture Husnii Mubaarak yeroo fincila bara 2011 guutuu biyyattii keessatti ka’etti tarkaanfii ajjeechaa mormitoota irratti raawwatuun himatamee ture bilisa ta'uu murtii dabarse.


Abbaan Seeraa himannaa kana ilaalaa ture Ahmad Abdal Qawwii, Himatamaan yakka ittiin himatame irraa bilisa tahuu murteessee ol iyyannaa abbaan Alangaa dhiheeffate kan kuffise tahuu gabaafameera.


Mubaarak yakka ajjeechaa lammiiwwan Misraa 900 ol tahan kan bara 2011 yeroo akka aangoo lakkisu morman irratti guyyaa 18 keessatti raawwatameen himatamuun ni yaadatama.


Himannaa irratti dhiyaateef bara 2012ti adabbiin hidhaa umrii guutuu kan irratti darbee ture yoo tahu oliyyannaa mana murtii olaanatti dhiheeffate manni murtii olaanaa immoo bilisaan lakkisee ture, bara 2016 keessa immoo himannaa biroo yakka malamaltummaa isaa fi Ijoollee isaa lama Alaa fi Gamaal jedhaman irratti dhiyaatuun adabbiin waggaa 3 itti murteeyfamuu ni yaadatama.


コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page