Hooggantoonni Kongiressii Federaalistii Oromoo guyyaa hardhaa Mana Murtii dhihaatan.
- NuuralHudaa
- Mar 2, 2017
- 1 min read

Obboo Baqqalaa Garbaa fi namoonni isa wajjiin galmee Gurmeessaa Ayyaanoo jalatti himataman guyyaa hardhaa mana murtii dhiyaatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Dhaddacha kanaan duratti Abbootiin Seeraa ragaalee Viidiyoo fi barreeffama Abbaan Alangaa himatamtoota irratti dhiheesse afaan Amaaraatti hiikamuun himatamtootaa akka kennamu fi galmeenis akka walitti hidhamu ajajee ture, dhaddacha guyyaa hardhaatti Abbaan Alangaa kan hin hiikamin tahuu fi qaama afaan hiikutti kennamuu Abbootii seeraaf himeera.
Abukaatoowwan himatamtootaas himatamtoota bakka bu’uun yaada kennatuu odeeffannoon argame ni addeessa. Abukaatoowwan himatamtoota yaada isaanii irratti ragoonni viidiyoo Abbaan Alangaa kanaan dura dhiheeffatee ture qulqullina akka hin qabne gaafatuun manni murtii akka guyyaa hardhaatti dhiyaatan ajajee ture, Abbaan Alangaa ragoota Viidiyoo kana guyyaa hardhaattis dhiheeffatuu waan hin danda'iniif ragoota dhaga'aman irratti murtiin akka darbu jechuun yaada isaanii kan dhiheeffatan tahuu beekameera. Ragaaleen Afaan Amaaraatti hiikamuu qabanis Ariitiin hiikamuu akka qabanis yaada isaanii ibsatanii jiru.
Abbootiin Seeraa Falmii Abukaatoo himatamtootaa fi Abbaa Alangaa jiddutti geggeeffame eega dhaga'anii booda murtii arman gadii dabarsanii jiru.
1ffaa):- Abbaan Alangaa Ragaa Viidiyoo fi Sagalee ni qaba jedhe Bitootessa 6/2009 duratti akka mana galmeetti galchu,
2ffaa:- Abukaatoowwan himatamtootaa yaada ragaa Viidiyoo fi Sagalee Abbaan Alangaa dhiheeffate irratti qaban guyyaa murtii duratti mana galmeetti akka galchan ajajuun murtii dhumaa dabarsuuf Bitootessa 20/2009 beellamamu odeeffannoon argame ni addeessa.
Comments