top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Godina Walloo Kibbaatti dararaa fi hidhaan muslimoota irratti raawwatamu cimee itti fufeera.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Mar 2, 2017
  • 1 min read


Naannoo Amaaraa godina Walloo kibbaa magaalaa Mashaa Maqdalaatti muslimoonni hidhamaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.



Kanaan dura magaalaa kana irraa muslimoonni 17 garee Komaand poostiin kan hidhamanii turan yoo tahu, isaan kun eega hiikkaman booda, ammas muslimoonni hedduun hidhamaa jiraatuu maddeen gabaasaniiru.


Muslimoonni kunniin guyyaa hidhaman irraa kaasee Abukaatoo isaaniif maatiiwwan isaanii waliin akka wal hin argine dhoorkamuu maddeen gabaasaniiru.


Muslimoota hidhaman kanniin jidduu hoogganaa Waajjira bulchiinsaa fi nageenya aanichaa duraanii Obboo Yeshaawu Isheetaa, Aroo Imaam, Muhammad Gondarii fi namoonni maqaan isaanii hin beekamin hedduun hidhamuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Obboleeyyan lama kan magaalaa Daseetti hojii daldalaa irratti bobba'an, muslimoota magaalaa Mashaa Maqdalaa kanniin waliin qunnamtii qabdu jedhaman guyyaa Komaand Poostii fi humnoota mootummaan ukkaamfamanii fuudhaman irraa eessa akka geeffaman kan hin beekamiin tahuu maddeen gabaasaniiru.



Odeeffannoo walfakkaatuun godinuma kana irraa magaalaa Ajbarii fi Kombolchaa irraahis dargaggoonni hedduun ukkaamfamanii moonaa waraanaa naannawa sanitti argamutti kan geeffamaa jiran ta’uu beekameera.



Muslimoonni godina Walloo kibbaa irraa amantaa isaanitti ciccimoo tahan kan kanaan dura hidhamanii turan muraasni lakkifamanii, kan hafan immoo dhimmi isaanii gara mana murtiitti kan darbe tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page