Masjiidni Tawbaa kan naannawa Qirqoositti argamu diigamuuf tahuu gabaafame.
- NuuralHudaa
- Feb 26, 2017
- 1 min read

Masjiida Tawbaa kan magaalaa Finfinnee aanaa Qirqoosiitti argamu mootummaan lafti masjiidichaa misoomaaf barbaadama jechuun diiguuf tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Masjiidni kun waggaa 30f hawaasa naannichaaf tajaajila kenna ture yoo tahu ejensiin haaromsa magaalaa fi misooma lafa bulchiinsa magaalaa Finfinnee masjiidni kun akka diigamu beeksisuu maddeen gabaasaniiru.
Koree masjiidichaa sadaasa 29/2009ti Ejensii haaromsa magaalaa fi misooma magaalaa Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti xalayaa barreessuun masjiidni kun waggaa 30 ol hawaasa muslimaa naannawa saniif tajaajila kennaa jiraatuu ibsuun lafa masjiidichaa hawaasni muslimaa akka misoomsu gaafatanii turan, haata'u malee bulchiinsi magaalaa Finfinnee gaafii hawaasni muslimaa lafa masjiida kana misoomsuuf gaafatee diduun masjiidni akka diigamu deebisaa kan kenne ta'uu maddeen gabaasaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee xalayaa fuula 5 qabu kan Koree masjiidaaf erge irratti lafa masjiida kana irratti hoteela guddaa five Star ijaaruuf waan karoorri qabmeef masjiidni akka diigamu kan ibse tahuu beekuun danda'ameera.
Masjiidonni magaalaa Finfinnee naannawa Booletti argaman maqaa misoomaatiin kan diigamaa jiran ta’uu odeeffannoon argame ni addeessa.
Kommentare